Yeroo jalqabaaf Boordiin Bulchiinsa Waldaa Abukaatotaa Federaalaa hundaa’e

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti yeroo jalqabaaf Boordiin Bulchiinsa Waldaa Abukaatotaa Federaalaa guyyaa har’aa hundaa’eera.

Boordiin abukaatotaa seeraa fi seera qofaan hogganamu hundaa’uun barbaachisa ta’ee waan argameef ityoophiyaatti yeroo sadarkaa boordiitti akka hundaa’u ta’eera jedhame.

Sirna haqaa Ityoophiyaa ni ammayyeessa jedhamee kan itti amaname boordichi itti waamamni isaa Ministeera Haqaaf akka ta’e eerameera.

Hoji raawwachiiftonni boordichaas hojjettoota Ministeera Haqaa waliin marii jalqabaa kan gaggeessan yoo ta’u, borurraa eegalee boordichi humna guutuun hojii ni eegala jedhameera.

Ityoophiyaan waldaalee ogummaa abukaatummaa lama qabaattus, sadarkaa boordiitti wayita hundaa’u kun kan jalqabaati jedhameera.
Ogeeyyiin sadarkaa federaalaa hojii abukatummaarratti bobba’an miseensaa akka ta’an ibsameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment