Yeroo gabaabaa keessatti hawaasa miidhame deggaruun jijjiiram qilleensaa uumame qolchuuf hojjechuun barbaachisaadha- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Yeroo gabaabaa keessatti hawaasa miidhame deggaruun jijjiiram qilleensaa uumame qolachuuf hojjechuun barbaachisaadha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Jilli Muummee Ministiraa Abiy Ahimadii fi Preezdaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu godina Booranaa Aanaa Yaabbellootti rakkoo uummata hongeen miidhamee bal’inaan gamaggamuuf daawwannaa taasiseera.

Balaa hongee cimaa Gaanfa Afrikaatti mudateen akka naannoo Oromiyaatti godina Booraanaa irra miidhaa cimaan qaqqabuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad daawwannicharratti kaasaniiru.

Yeroo gabaabaa keessatti hawaasa miidhame deeggaruun jijjiirama qilleensaa uumame kana qolachuuf hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Proojeektiiwwan bishaanii yeroo giddugaleessaa ammoo rakkooleen osoo hin mudatiin furmaata kennuuf kan dandeessisan ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment