Yeroo da’umsaatti du’aatii haadholii hambisuuf qindoominaan hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Yeroo da’umsaa du’aatii haadholii mudatu hambisuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu ibsameera.

Naannoo Gaambeellaatti da’umsaan walqabatee du’aatii haadholii hambisuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamuu akka qabu ibsameera.

Baatiin fayyaa haadholii mata duree “Haati utubaa maatii fi biyyaatii” jedhuun sadarkaa biyyoolessaatti yeroo 14ffaaf akka naannootti ammoo yeroo 2ffaaf magaalaa Gaambeellaatti marii paanaliin kabajamaa jira.

Maarii paanaalichaatin hoospitaala Gaambeellaatti bakka qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatuu fi haadholiin tajaajilichaan fayyadamoo ta’an argamanitti adeemsifamaa jira.

Bakka bu’aan Biiroo Fayyaa naannicha obbo Ujuluu Umood maarii paanaalichaarratti haasaa taasisaniin, naannichatti du’aatii haadholii hir’isuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru jedhan.

Haadholiif yaalii fi hordooffii da’umsaa duraa fi boodaa barbaachisaan taasifamuufii akka qabu kan himan obbo Ujuluun, kenniinsa tajaajilichaarratti hanqina jiru furuuf biirichi xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Comments (0)
Add Comment