Yeroo ammaa hidhattoonni kumaatamaan lakkaawaman karaa nagaan galaa jiru-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)-Yeroo ammaa hidhattoonni kumaatamaan lakkaawaman dararaa ummata isaanitti dhuma gochuuf karaa nagaan galaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin mootummaan karra nageenyaa bane ammas hincufne jedhan.

Guutuun ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Rakkoo nageenyaa naannoo keenya keessatti umamaa ture araaran hiikuun nagaa buusuuf, mootummaan yaaliiwwan walirraa hincinne taasisaa turuun isaa niyaadatama.

Yaaliwwan araraan nagaa buusuuf taasifamaa turan, shira qaamoleen adda addaa biyya keessaafi alaa xaxaa turaniin osoo hinmilkaa’in hafuun isaa ni beekama.

Haata’u malee, rakkoo nageenyaa naannoo keenya keessa jiru araaraan xumuruuf mootummaan karra nageenyaa bane ammas hincufne.

Nageenya buusuuf ummataafi qaamolee qooda fudhattoota ta’an waliin qindoomuun waamicha nageenyaa dabarsuun hojii bal’dhaa ta’e raawwachaa jira.

Hojii hojjetamaa jiruunis yeroo ammaa kana hidhattoonni kumaatamaan lakkaawaman dararaa ummata isaanitti dhuma gochuuf karaa nagaatiin galaa jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota waamicha nagaa fudhachuun galaa jiraniifi qaamolee milkaa’ina kanaaf gumaachan maraaf dinqisiiffannaafi kabaja olaanaa kan qabu ta’uu ibsuun barbaada.

Humnoota qalbii jijjiirratanii gara nagaatti dhufaa jiraniifis, mootummaan jiruufi jireenyaatti akka deebi’an haalota barbaachisoo ta’an hunda mijeessuun hojii deebisanii dhaabuu eegale karaa hiikoo qabuun cimsee kan itti fufu ta’uu nan mirkaneessa.

Rakkoon nageenyaa Naannoo Oromiyaa keessatti umame ummata Oromoof miidhaa malee faayidaa tokkollee kan hinqabne ta’uun beekkamaadha.

Achiinis asiinis kan wal diineffatu qaama maatiifii dhiiga tokko.

Akkuma Oromoon jedhu “walfixuurra dubbii fixuu”n osoo danda’amuu, dhimmoota xixiqqaa irratti walhiruun qabsoo ummatichaa irbaata kiyyoo diinaa kan taasisu ta’uun ifa galaadha.

Rakkoon nageenyaa naannoo keenya keessatti umamaa jiru, boqonnaa haara qabsoon ummatichaa bane ariitii barbaadameen akka hindeemne kan gugachiisufi abdii boruu sabichaa kan qisaasessuudha.

Ummataaf qabsoofna taanaan aarsaan hinbarbaachifne hanga yoonaa kaffalle gahaadha; nu gaha!

Ummanni keenya sagalee nagaafi dambooba dheebotaa jira; mariifi marabbaan bahee galuufi makarachuu hawwiin eegaa.

Kanaaf, ummanni keenya bal’dhaan, Abbootiin Gadaa, jarsoliin biyyaa, abootiin amantaafi hayyoonni, gahee bahachuu jalqabdan cimsitanii akka itti fuftan irra deebiin dhaamaa, hidhattoota darara ummata keessanii furuuf waamicha nagaa fudhattanii galaa jirtaniif, mootummaan keenya karri isaa dhiifamaaf banaa, akkasumas gaaffilee jiraan kamuu karaa nagaatiin keessummeessuuf qophii ta’uu, mirkaneessuun barbaada.

Waliigalan alaa galan!

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment