Yergan Kiloop xumura bara taphaa kana Leenjisummaa Kilaba Liivar Puulirraa kan gaggeeffaman ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC) – Leenjisaan Kilaba Liivar Puul Yergan Kiloop xumura bara taphaa kana Leenjisummaarraa kan gaggeeffaman ta’uu ibsameera.

Leenjisichi sagantaan taphoota Piriimaayer Liigii Ingilaand bara 2023/24 hanga xumuramutti qofa kilabicha kan leenjisan ta’uu eerameera.

Lammiin Jarman leenjisaa beekkamaan kun bara Faranjootaa 2015 leenjisaa olaanaa Kilaba Liivar Puul ta’uun kan muudataman yoo ta’uu, waggoota 8f kilabicha tajaajilaniiru.

Turtii isaaniin waancaa Piriimaayer Liigii, Shaampiyoonis liigii, FA, Kaarliin Kaappii fi waancaa Kilaboota addunyaa injifataniiru.

Bara kanas xumura waancaa Kaarliin Kaappiif gahaaniiru.

Piriimaayeri Liigii Ingilaandis dursaa jiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment