Yakkoota tajaajila wal’ansaan walqabatee raawwatu ittisuuf deeggarsi gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC)- Yakkoota tajaajila wal’ansaan walqabatanii raawwataman ittisuuf hojmaannii fi dambiiwwan akka hojiirra oolfamaniif deeggarsi qaaamolee dhimmichi ilaalatuu akka barbaachisu Ministeerri Haqaa beeksise.

Ministeerri Haqaa, qajeelfama “Qorannoo fi himannaa yakkoota wal’aansaa fi tajaajila ogummaan walqabatanii” Fulbaana 8, 2016 raggaasisuun hojii eegaluun ni yaadatama.

Sagantaan qajeelfamichaa beeksisuu fi mariin qaamolee dhimmichi ilaallatu biyyoota garaagaraarra baba’an waliin gaggeefameera.

Daayrektarri Jeneraalaa Wixineessaa fi Cuunfaa Qorannoo Seeraa Ministeera Haqaa Obbo Addis Geetinnat, qajeelfamichi gochoota yakkaa ogummaa wal’aansaarratti raawwataman qorachuuf darbees himannaa banuuf kan gargaaruudha jedhan.

Qajeelfamichi hojiirraa oolfamuun rakkoolee damichaan mul’atan gama furuutiin faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu dubbatanii, yakkoota raawwataman bifa qindaa’een qorachuuf kan tumsuudha jedhaniiru.

Dabalataanis, damee wal’aansaan naamusa ogummaa yeroo kamuu caalaa akka eegamu taasisuun ogeeyyiin hojiilee isaanii walabummaan akka hojjetan dandeettii kan uumuudha jedhaniiru.

Qajeelfamichi hojiirra oolee sirna haqaarratti jijjiiramni qabatamaan akka dhufuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu gahee gama isaanii akka bahatan gaafatameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment