Yakkoota saayibarii ittisuuf biyyoonni adeemsa qindaa’aa hordofuu barbaachisa-Obbo Solomoon Sookaa

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Yakkoota saayibarii ittisuuf biyyoonni adeemsa qindaa’aa yeroon gaafatu hordofuun barbaachisaa ta’uu Daayrektarri Olaanaan Bulchiinsaa Nageenyaa Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaan dubbatan.

Obbo Solomoon Sookaan marii paanaalii mata duree “Haleellaa Saayibarii Kisaaraa Idil Addunyaa” jedhuun Duubaayitti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.

Waltajjicharratti Obbo Solomoon akka jedhanitti, hirkattummaa teeknooloojii dabalaa dhufuun yakkoonni saayibarii sadarkaa idil addunyaatti dhaabbilee fi namoota dhuunfaarratti yaaddoo uumaa jira.

Balaawwan haleellaa saayibarii dabalaa dhufe dhaabbileen ittisuuf adeemsa qindaa’aa hordofuun akka barbaachisus himaniiru.

Muuxannoo ittisa saayibarii Itiyoophiyaa kan kaasan Obbo Solomoon, akka biyyaatti dambiiwwan, labsiiwwanii fi filmaatawwaan immaataa biroon hojiirraa oolfamaa jiraachuu himuu ragaan bulchiinsichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment