Yakkoota naannawaa daangaa Ityoophiyaa fi Keeniyaatti raawwatamu ittisuuf waliigalame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC) – Yakkoota daangaa ce’aa naannawaa daangaa Ityoophiyaa fi Keeniyaatti raawwatamu waloon ittisuuf waliigalameera.

Jilli Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa fi Pireezidaantii yeroo Gamtaa Ajajoota Poolisii Afrikaa Bahaa Jeneraal Dammallash Gabramikaa’eeliin durfamu Keeniyaatti guyyoota lamaaf daawwannaa hojii taasiseera.

Yakka shororkeessummaa, daddabarsa namoota seeraan alaa, baala sammuu adoochuu fi adamoo seeraan alaa naannawaa daangatti raawwatamu waloon ittisuuf waliigalamuu ibsameera.

Jilichi Inispeektara JeneraalaaTajaajila Poolisii Biyyaalessa Keeniyaa fi Pireezidaantii Yaa’ii Waliigalaa Afriipool Jeneraal Jafeet Kumee waliin dhimmoota waloorratti mari’achuu ragaan Poolisii Federaalarraa argame ni mul’isa.

Marii isaaniin yakkoota daangaa ce’aa naannawaa daangaa Ityoophiyaa fi Keeniyaatti raawwatamu waloon ittisuuf waliigalaniiru.

Jilichi waajjira Dhaabbata Ajajoota Poolisaa Afrikaa Bahaa fi giddu gala farra Shororkeessummaa Naayiroobiitti argamu daawwateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment