Yakkoota maqaa dhaabbilee Idil Addunyaan raawwatamuuf mootummaan obsa hin qabu – Biillanee Siyyuum

Finfinnee, Sadaasa 4, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Hojjettoonni koo seeraa ala hidhaman jechuun himanni dhiyeessu bu’uura kan hin qabne ta’uu Itti gaafatamtuun Seekreetariyaat Preesii Waajjira Muummee Ministiraa Biillaneen Siyyuum ibsan.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Hojjettoonni koo seeraa ala hidhaman jechuun himanni dhiyeessu bu’ura kan hin qabne ta’uu Billaneeniin turtii CGTN Afrikaa waliin taasiisaniin ibsaniiru.

Hojjettoonni dhaabbatichaa ergama garee Shororkeessitootaa raawwachiisan argamuu himuun, mootummaan dhimmoota nageenyaa fi tokkummaa biyyaa balaarra buusaniif obsa hin qabu jedhan.

Preezdaantiin duraanii Naajeeriyaa fi Afrikaa Bahaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Ooliiseengoo Oobaasaanjoo gara Ityoophiyaa dhufuu ilaalchisee gaaffii ka’eef dhimma Afrikaaf furmaata Afrikaa yaada jedhuu fi murtoo Gamtichaa Mootummaan Ityoophiyaa kan kabaju ta’uu Biillaneen ibsaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment