Yakkoota kaaba biyyattiitti raawwataman ilaalchisee adeemsi qorannoo gaggeeffamaa ture irra jireessaan xumuramuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaatti uumameen walqabatee  yakkoota raawwataman ilaalchisee adeemsi qorannoo gaggeeffamaa ture irra jireessaan xumuramuu ibsame.

Koreen waloo Ministirootaa walitti bu’iinsa naannolee Amaaraa, Tigraayiifi Affaaritti uumameen yakkoota sarbama mirga namoomaa irratti raawwataman ilaalchisee hojii qulqulleessuu, miidhamtoota eeguufi deeggaruuf hundaa’e walga’ii idileesaa gaggeesseera.

Waltajjichaan, wayita walitti bu’iinsichaa yakkoota sarbama mirgoota namoomaa naannolee Amaaraafi Affaaritti raawwataman ilaalchisee adeemsi qorannoo gaggeeffamaa ture irra jireessaan xumuramuu ibsameera.

Gara adeemsa himannaatti galuuf qophiirra jiraachuu hogganaan waajjira Korichaa Dooktar Taaddasaa Kaasaa ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment