Yakkamaan Haayimaanot Badhaadhaa ajjeese hidhaa cimaa waggaa 25’n adabame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015 (FBC)– Barattuu digirii 2ffaa Hospitaalaa Xiqur Ambassaa kan turte Haayimaanot Badhaadhaarratti yakka ajjeechaa raawwachuun lubbuun ishee akka darbu kan taasise yakkaamaan Dagginnat Warquu hidhaa cimaa waggaa 25’n adabame.

Yakkamticharratti Manni Murtee Waliigalaa Federaalaa murtee hidhaa cimaa waggaa 21 murteessus oliyyannoo abbaan alangaa dhiyeesseen murtechi fooyyeffameera.

Haaluma kanaan Manni murtichaa himatamichi dawaa HIV argadheeraa jechuun qorannoo ragaan hinmirkanoofneen yaada akka adabbiin salphatuuf dhiyeeffate sirrii akka hintaanee ibsuun, gulantaa murtechaa fooyyessuun gulantaa 36ffaarraa gara 37tti guddisuun, himatamaa Dagginnat Warquu adabbii cimaa waggaa 25’n adabuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

Caamsaa 17, 2012 tilamamaan naannoo sa’aatii 9:00tti mooraa Hopitaalaa Xiqur Ambassaa laabiraatoorii Mana Barnootaa Faarmaasii keessatti yaalii utuu hojjechaa jirtuu yakki ajjeechaa Haayimaanot Badhaadhaarratti raawwatamuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment