Yakkamaan Haadha warraa isaa ajjeesse hidhaa cimaa waggaa 21’n akka adabamu itti murtaa’e

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)-Dhiira biraa walii hariiroo qabda jechuun hinaaffaan kaka’uun yakkamaan haadha warraa isaa ajjeesse hidhaa cimaa waggaa 21’n akka adabamu itti murtaa’e.
 
Himatamaan Simeenee Girmaa Ballaxaa jedhamu Sadaasa 25, 2016 galgalaa keessaa sa’aatii 2:20 irratti Magaala Finfinnee Kutaa Magaalaa Guullallee Aanaa 5’tti haadha warraa isa Mahileet Fiqaaduu albeen waraanuun lubbuunishee akka darbuu taasiseera.
 
Haaluma kanaan Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi Yakkaa 2ffaan himatamaan balleessee argamuun waan mirkanaa’eef hidhaa cimaa waggaa 21’n akka adabamu murteessuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
Comments (0)
Add Comment