Yakkamaan ABUT ummata keessatti sodaa uumuu fi haleellaa shororkeessummaa qaqqabsiisuuf garee raawwachiistuu hundeesse

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Yakkamaan ABUT ummata keessatti sodaa uumuu fi haleellaa shororkeessummaa qaqqabsiisuuf garee raawwachiistuu hundeessuu ibsame.

Yakkamaan ABUT magaalaa Finfinnee fi naannoolee birootti ummata keessatti sodaa uumuu fi haleellaa shororkeessummaa qaqqabsiisuuf garee raawwachiistuu hundeessuu isaa Boordiin sakattoo hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa beeksiseera.

Qaamooleen garee Finxaaleyyii ABUT irraa ergama fudhachuun iddoolee garaa garaatti walitti bu’iinsaa uumuu fi haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf socho’aa jiran  jiraachuu ibsameera.

Gareen ergama fudhate kun kanneen ogummaa garaagaraa qabanii fi  dhalattoota saboota adda addaa ta’uu eerrameera.

Hanga ammaatti shakkamtoonni 150 to’annoo jala kan oolan yoo ta’u, rakkoo sodaa isaan uumuu danda’an tilmaama keessa galchuun wabiin gadi lakkifamuu isaanii himameera.

Dhaabbileen idila addunyaa fi qaamooleen dhuunfaa tokko tokko lakkoofsa namoota too’annoo jala oolanii osoo hin qulqulleeffataniin odeeffannoo dogongoraa tamsaasaa jiraachuu himameera.

Yaa ta’uutii hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu hojmaata seeraa hordofee malee dhiibbaa eenyummaarratti xiyyeeffate akka hin taane hubatamuu qaba jedhame.

Dhaabbileen idila addunyaa fi qaamooleen dhuunfaa odeeffannoo sobaa garee finxaaleeyyii ABUT tatamsa’aa  jiru adda baafachuu akka qaban waamichi dhiyaatera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment