Yakkamaan Abbaa, Haadhaa fi Eessummaa ajjeessuun obboleessa madeessuun himatame adabbiin du’aa itti murtaa’e

Finfinnee, Caamsaa 28, 2016 (FBC) – Godina Koonsotti Yakkamaan Abbaa, Haadhaa fi Eessummaa ajjeessun obboleessa ammoo madeessuun himatame adabbiin du’aa itti murtaa’eera.

Yakkamaan kun Muddee 19, 2016 halkan keessa naannawaa sa’aatii 1:30 Godina Koonsoo Aanaa Naannawaa sagan ganda sagandoodeetti yakka kana raawwachuu Poolisiin godinichaa qorannoo gaggeesseen mirkaneessuu himameera.

Maatiin isaa kunneen Maallaqa na dhorkatan jechuun Meeshaa waraanaa hiriyaa isaa fudhachuu Abbaa, Haadhaa fi Eessuma isaa ajjeessuun Obboleessa ammoo madeessuu Poolisiin mirkaneesseera.

Manni murtii Olaanaa Godina Koonsoo yakkamaan yakka himatameen badii raawwachuu isaan adabbii du’aan akka adabamu itti murteessuu ragaan Komishinii Poolisii Naannoo Kibba Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment