Yakkamaan Aagituu Guddataa ajjeese adabbii cimaa waggaa 20 adabame

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Manni Murtii Tireentoo dhaddachaa guyyaa kaleessaa ooleen yakkamaa dhalattuu Ityoophiyaa kan taatee Aagituu Guddataa mana isheetti burruusan haleeluun ajjeesee adabbii cimaa waggaa 20 adabeera.

Bara Faranjoota 2020 baatii Muddee yakka ajjeechaa kan raawwatee lammiin Gaanaa Suleemaan Adaamis murtoon adabbii cimaa waggaa 20 irratti darbeera.

Haqa kana argachuufis maatiin, hoggantoonni hojii mootummaa fi jiraattoonni naannichaa koreen diyaaspoora Ityoophiyaa Tireentoo Imbaasii waliin ta’uun shooraa olaanaa taasisuu ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Roomaarra argame ni muul’dhisa.

Aagituun Xaaliyaan keessatti baaduu aannan Re’ee horsiifturraa oomishtuun beekkamtii turte.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment