Yakka suukkanneessaa humnoota badiitiin lammiilee nagayaa irratti raawwatameef gadduu Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa ibse

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Yakka suukkanneessaa humnoota badiitiin lammiilee nagayaa irratti raawwatameef gadduu Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa ibse.

Ummata nagayaa ajjeesuun badii nama hin oolchu.

Ummatni Ityoophiyaa bara dheeraa waliin jiraate keessatti gaarii fi yaraa waliin dabarsee jira.

Rakkoo seenaa keessatti isa mudate hunda tokkummaa fi obbolummaan ceheera.

Hundaa olitti ammoo roorroo hamaa waggaa 27f murna Wayyaanetiin irratti fe’ame qabsoo irree walootiin taasiseen ofirraa kuffisuun daandii jijjiirama jalqabeera.

Injifannoo ummataa kana gufachiisuuf ammoo murni kaleessa ummata saamaa fi dararaa ture ergamtoota isaa waliin yaalaa jira.

Waggaa lamaan darban kana hammeenyi gurmuu Shaneetiin Oromiyaa keessatti raawwatamaa ture qaama yaalii kanaa ti. Kana keessatti lubbuu fi qabeenyi lammiilee baduun ni yaadatama.

Kaleessa galgala godina Wallagga Lixaa aanaa Gullisootti humni badii ABO shanee ergama Wayyaanee irraa fudhateen ummata nagayaa irratti yakka suukkanneessaa raawwateera.

Kaayoon yakka kanaa ummatoota walitti kaasuun biyya diigu akka ta’e beekamaa dha.

Garuu ummatni Itoophiyaa shira ajjeechaa kana duuba jiru tolchee waan hubatuuf abjuun jaraa abdan hin milkaayu.

Yaakki hamaa fi suukanneessaan kun badii jaraa ariifachiisuun boqonnaa nagayaa dhiyeessuun alatti faayidaa biraa hin qabaatu.

Akka Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaatti yakka suukkanneessaa humnoota badiitiin lammiilee nagayaa irratti raawwatame kanaan gaddi cimaan nutti dhagayameera.

Humnoota farra namoomaa kanneen toora qabsiisuuf sochii taasifamu keessatti hooggansii fi miseensi keenya cufti wareegama barbaachisu baasee akka hirmaatu carraa kanaan ibsuu barbaanna.

Ummata nagayaa ajjeesuun badii nama hin oolchu!

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment