Yakka shororkeessummaan barbaadamaa kan ture Gobozee Sisaay to’atame

Finfinnee, Eebla 28, 2015 (FBC) – Naannoo Amaaraatti finxaaleyyii waliin ta’uun humnaan mootummaa diiguuf hojjetaa turuun yakka Shororkeessummaan barbaadamaa kan ture Gobozee Sisaay to’atamuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii beeksise.

Namni dhuunfaan kun Jibuutii galuun gara biyya biraatti ce’eef wayita yaalirraa ture Interpoolii Idil Addunyaa fi Poolisii Biyyaaleessa Jibuutii waliin ta’uun to’annoo jala oolchuun har’a galgala gara Finfinnee dhufuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii ibsa miidiyaaleef ergeen ibseera.

Mootummaa Naannoo Amaaraa humnaan diiguun aangoo naannichaa humnaan to’achuuf finxaaleyyiin biyya keessaa fi alaa gurmaa’uun sochii taasisaa turanirratti mootummaan tarkaanfii seeraa fudhataa kan jiru ta’uu Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii ibsa Eebila 22, 2015 baaseen himuun kan yaadatamuudha.

Qaamolee kanneen to’annoo jala oolchuuf humni Waloo kun akkaataa waliigaltee Interpooliim hojjetaa turuu himeera.

Haaluma kanaan namoota dhuunfaa barbaadamaa turan keessaa Gobozee Sisaay har’a to’annoo jaluu eereera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment