Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Manni Murtichaa Yakka Shororkeessummaa gargaaraa Piroofeesaraa Siisaay Awugichawufi Goobazee Siisaay dabalatee namoonni 6 itti himatamanirratti qorannoon dabalataa akka taasifamuuf guyyaa 14 eeyyame.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Daddachi yeroo 1ffaa Ramaddii Lidataa shakkamtoota kanneen irratti qorannoon dabalataa akka taasifamuuf guyyaa dabalataa 14 poolisiif eeyyameera.
Dhaddachi yeroo kun ka’umsa shakkii poolisiin gargaaraa Piroofeesaraa Siisaay Awigichawu, Piroofeesar Maa’iraguu Biyaabin, Salamoon Limanihi, Heenook Addis, Niwaay Yohaannisiifi Goobazee Siisaay irratti dhiyeesseefi qabxii falmii abukaatonni shalkkamtoota kanneenii dhiyeessan ilaaluuniifi qorachuun ajaja kennuuf beellama guyyaa har’aatti qabateeni.
Dhaddacha yeroo kanaan gaaffii wabii shakkamtootaa yeroof kufisuun barbaachisummaan qorannoo dabalataa taasisuutti amanuun qorannoo dabalataaf guyyaa 14 eeyyameera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.