Yakka namoota seeraan ala daddabarsuun akkaan barbaadamaa kan ture Abdiil Raahimaan Miilaad ajjeefame

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC) – Yakka namoota seeraan ala daddabarsuun akkaan barbaadamaa kan ture Abdiil Raahimaan Miilaad Liibiyaa keessatti ajjeefamuu gabaafame.

Namni dhuunfaan kun Lixa Liibiyaa magaalaa Zaawuyaa jedhamutti hidhattoota dhuunfaa isaa hundeessuun karaa gurmaa’een namoota seeraan ala daddabarsaa turuu ibsameera.

Hidhattoonni kunneen haleellaa Bidiruuwwan adda addaarratti raawwataniin godaantoonni hedduun Galaana keessatti dhidhimuun lubbuun isaanii darbuu eerameera.

Dabalataan Godaantoota Ugguruun gochawwan suukaneessaa raawwachaa turuu gabaafameera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Nageenyaa Abdiil Raahimaan Miilaadii fi namoota dhuunfaa 5 irra qoqqoobii kaa’ee ture.

Namni dhuunfaan kun dhaabbilee idil addunyaa garaagaraan akkaan barbaadamaa kan ture yoo ta’uu, guyyaa kaleessaa qaama hin beekamneen ajjeeffamuu ‘Arab News fi BBCn gabaasaniiru.

Dhimmicha ilaalchisee Mootummaan Liibiyaa yaadni kenne jiraachuu baatus, Humni Waraanaa Lixa Liibiyaa bulchaa jiru namni dhuunfaan kun qaama hin beekamneen ajjeeffamuu beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment