Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) – Lakkoofsa Herreega Gamtaa Afrikaarraa Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 waliin dhahuuf yaaluun yakka malaammaltummaan kan himataman Luba Balaay Makonniin faan badii raawwatan jedhamaniiru.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti Dhaddachi Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa ramaddii 3ffaan oolmaa har’aan ragaalee bitaa fi mirgaa dhiyaataan qorachuun himatamtoonni yakka himatamaniin balleessaa raawwachuu isaanii itti murteesseera.
Shakkamtoonni 5 Gamtaa Afrikaarraa kaffaltiin akka raawwatamuuf ajajni tokkooyyuu osoo hin jiraatiin Doolaarri miiliyoonni 6 fi kumni 50 akka kaffalamuuf sanada sobaa Baankiif dhiyeessuun kaffaltii gaafachuu isaaniin yakka waliin dhahuu cimaan himatamuun kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan himatamtoonni lakkoofsa 1ffaa hanga 3ffaa jiran Dhaddachaaf dhiyaachuun ibsi himannaa isaan kan qaqqabe yoo ta’u, himatamtoonni 4ffaa fi 5ffaan ammoo teessoon isaanii argamuu dhabuu hordofee himanni isaanii akka adda citu taasiifameera.
Himatamtoonni kunneen ragaa ittisaa dhiyeeffatanii kan turan ta’us ragaan dhiyeeffatan ragaa Abbaan alangaa dhiyeesse qolachuu dhabuu isaaniin Himatamaa 1ffaan Lubni Baalay Makonniin sagalee guutuun murteen balleessummaa itti murtaa’eera.
Himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaan ammoo sagalee caalmaan badii raawwachuu isaanii itti murtaa’eera.
Waliigalaan manni murtichaa yaada adabbii salphisan bitaa fi mirgaa ilaaluun murtoo adabbii kennuuf Amajjii 22, 2017tti beellameera.
Taarik Addunyaatu gabaase.