Yakka gowwoomsuun kan himataman hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabaman murtaa’e

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Fira Aanga’aa olaanaa naannoo Oromiyaa akka ta’an fakkeessuu fi fichisiistota simmintooti jechuun yakka gowwoomsuun kanneen himatamaan hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabaman itti murtaa’e.

Himatamtoonni, Itti Gaafatamaa Tajaajila Maamiltootaa Baankii Siinqee Damee Fiichee Indaalee Waaqtolaa fi Haadha Warraa Isaanii Aadde Hawwii Faajjii, fira aanga’aa olaanaa Naannoo Oromiyaati jechuun namoota garaagaraatti himuun amantaa sobaa akka argatan taasisuu himanni abbaa alangaa ni mul’isa.

Kana malees, warshaa simmintoo Daangooteerraa simmintoon fichisiisaa jechuun yeroo garaagaraatti namoota gowwoomsuun bara 2015, nama dhuunfaa tokko Birrii kuma 960, namni biraan ammoo Birrii kuma 600 lakkoofsa herregaa baankiirraatti galii taasisuun ibsameera.

Haaluma kanaan himatamtoonni lameen hidhaa cimaa waggaa 7 fi baatii 8 akkasumaas Birrii kuma 20’n akka adabaman Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kaabaa murtee kenneera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment