Yakka Burjaajii Teelekoomiin namoonni shakkaman 30 to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Nageenya biyyaa irratti sodaa kan uumanii fi sharafa alaa kan dhabsiisuu yakkaa burjaajii Teelekomiin namonni shakkaman 30 meeshaalee itti fayyadamaa turan waliin to’annoo jala oolfaman.

Shakkamtoonni kunneenisa Magaalota Finfinnee, Shaggar, Mojoo, Adaamaa, Hawaasaa fi Jimmaatti oppireeshinii gaggeeffameen meeshaalee burjaajii teelekoom 73 fi shakkamtoonni 30 harkaa fi harkatti to’annoo jala olfamuun eerameera.

Bulchinsi Nageenyaa Odeeffannoo Biyyaalessaa, Tajaajilaa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa fi Poolisii Federaalaa waliin ta’uun akkasumas ogeeyyii Dhaabbilee tajaajila teelekoom fi hawaasa waliin ta’uun baatiiwwan sadan darban hirmaattota yakkaa burjaajii Teelekoom irratti hordoffii cimaa gaggeessaa turuun bu’aa qorannoo gaggeeffamaa turee ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef erganiiru.

Shakkamtoonni kunneenis manneen jireenyaa nama dhuunfaa kireeffachuun meeshaalee burjaajii fayyadamuun yakkicha raawwachaa turuu eeruun, gocha seeraan alaa kanaaf oolfamuuf kan turan siimkaardiiwwan Itiyoo Teelekomii fi Saafaariikoom kuma 200 olis to’atamuu akkeekeera.

Akkasumas meeshaa si’a tokkottii siimkaardiiwwan 127 qabachuu danda’us argamuun eerameera.

Yakka burjaajii kanaan sharafa Itiyoophiyaan tajaajila teelekoomii idil addunyaarraa argattu kan dhabsiisu ta’uu fi baatiiwwan ja’an darbanittis Itiyoo Teelekomiin Birrii miiliyoona 500 ol gochaa seeraan alaa kanaan dhabsisuu beeksiseera.

Meeshaalee kunneen seeraan alaa gara Itiyoophiyaa kan galfaman yoo ta’u, beekkamtii Itiyoo Teelekomii fi Saafaariikoon kan hinqabne, ta’us tajaajila bilbilaa alarraa gara Itiyoophiyaatti taasifaman neetiwoorkii ofiin diriirsaniin maamiltoota isaaniif kan dhiyeessan ta’uu ibsichaan eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment