Yakka biyya ganuu kan raawwataan ajajoota jenaraala, Ajajoota waraanaa olaanoo, fi mudamtoota gadii 76 irratti ajajni qabamuu ba’e

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC)- Yakka biyya ganuu kan raawwataan ajajoota jenaraala, Ajajoota waraanaa olaanoo, fi mudamtoota gadii 76 irratti ajajni qabamuu ba’e.

Naannoo Tigiraayitti kan argamu Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa irratti miidhaa raawwachuun karoora biyya diiguu qabatanii sochoo’aa kan turanii fi yakka biyya ganuu kan raawwatan hoggantoota olaanoo garee badii ABUT qabanii seeratti dhiyeessuuf Sadaasa 3, 2013 ajajni mana murtii akka ba’e Komishiniin Poolisii Federaalaa ibseera.

Haaluma walfakkatuun miseensoota garee ABUT waliin wal qunnamuun biyyaa diiguu keessatti kan hirmaatan, yakka biyya ganuu kan raawwatan, ajajoota jenaraala, Ajajoota waraanaa olaanoo, fi mudamtoota gadii , akkasumaas hoggantoota poolisii irratti ajajni bahuu ibseera.

Bu’uuruma kanaan, imaanaa fi itti gaafatamummaa ummataa fi biyyaa cinaatti dhiisuun, garee badii ABUT waliin yakka biyya ganuu kan raawwatan shakkamtoota adamsee qabuuf ajajni mana murtii bahuu komishiniin poolisii federaala ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment