Yaaliin waraanaa ABUTiin naannoo Amaaraa Sorroqaa fi Qirqaaritti taasifamee fashalaa’e – obbo Tamazgeen Xirunaa

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC)- Yaaliin waraanaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayiin naannoo Amaaraa Sorroqaa fi Qirqaaritti taasifamee humna addaa naannoo Amaaraatin to’annoo jala ooluu preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xirunaa ibsan.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamazgeen Xirunaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Kaleessa galgala kaampii Raayyaa Ittisa Biyyaa Iizii Kaabaa fi naannoowwan misoomni bu’uura garagaraa argamanitti humni addaa naannoo Tigraayii fi milishaan miidhaa qindoomina qabu geessisuu himaniiru.

Tarkaanfii altokkoo fi yeroo dhumaaf ABUT barbadeessuuf taasifamurratti ummaanni mootummaa cinaa dhaabbachuun akka deeggaruu fi naannoosaa eeggachuu akka qabu obbo Tamasgeen Xirune waamicha dhiyyeessaniiru.

Naannoon Amaaraas Raayyaa waraanaa waliin ta’uun kan hojjatuu ta’uus ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment