Yaaliin Waliigaltee dhukaasaa dhaabuu sa’aatiiwwanii fashalaa’uun Isiraa’eel haleellaa itti fufuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC) – Tattaaffiin Waliigaltee dhukaasaa dhaabuu Isiraa’eelii fi Hamaas gidduu eegalame osoo hin milkaa’iin hafuun Isiraa’eel haleellaa itti fufuu gabaafameera.

Lola Isiraa’eelii fi Hamaas guyyoota 10 lakkoofsiseen Isiraa’eel haleellaa Xiyyaaraa fi Boombii taasiiftu cimsitee itti fufuu ibsameera.

Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti waliigaltee dhukaasaa dhaabuuf yaaliin taasiifamaa ture cabuun haleellaan Boombii cimaa ta’e itti fufuu Rooyitarsi gabaaseera.

Yeroo ammaa naannichatti miidhaan namoomaa hamaan qaqqabaa jiraachuu ibsameera.

Mariisiisummaa Ameerikaa fi Ijiptiin Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti yaaliin waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasiifamaa turuun kan yaadatamuudha.

Lola guyyoota 10 lakkoofsise kanaan hanga ammaatti Lammiileen Filisxeem kumni 2 fi 760 yoo ajjeefaman ,lammiileen Isiraa’eel kumni 1 fi 400 caalan ajjeeffamaniiru jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment