Yaalii haleellaa Saayibarii fashaleessuun Birri biiliyoona 23.2 baraaruun akka danda’ame ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Bara 2015’tti yaalii haleellaa saayibarii fashaleessuun Birri biiliyoona 23.2 ol baraaruun akka danda’ame Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffanno Biyyaalessaa beeksise.

Yaa’iin qaama baatii Saayibarii 4ffaa mata duree “Itiyoophiyaatti Sodaa Nageenyaa Saayibarii” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Ministirri Ministeeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay dabalatee qondaalonni olaanoon biroon argamaniiru.

Daayrektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Solomoon Sookaan akka jedhanitti, haleellaa saayibarii bu’uuraalee misoomaa ijoorratti aggaamaman yeroo gara yeroo dabalaa dhufuun dirree sayibarii eeguuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan bara baajataa 2015’tti halleellaa saayibarii aggaamamee ture fashaleessuun Birrii Biiliyoona 23.2 baraaruun akka danda’ame ibsaniiru.

Dooktar Abrahaam gama isaaniin dirree saayibarii dandeettii dorgommii ijoo waan ta’eef, nageenyummaa dirrechaa eeguun gahee qaamolee hundaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Bara baajataa 2015’ttis yaaliin haleellaa saayibarii kuma 6 fi 959 taasifamuu akeekameera.

Dhaabbileen faayinaansii, dhaabbilee nageenyaa fi tikaa, miidiyaaleen, bu’uuraaleen misoomaa ijoon, dhaabbileen mootummaa, kanneen haleellaan saayibarii bal’iannaan irratti aggaamamu ta’uun ibsameera.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment