Yaa’in Fooramii Hooggansa Dubartoota Oromiyaa waggaa gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 12,2012 (FBC)-Biiroon Dhimma Dubartootaa Daa’immanii fi Dargaggootaa Oromiyaa qooda fudhattoota waliin yaa’ii fooramii hooggansa Dubartootaa kan waggaa Magaalaa Adaamatti gaggeeffameera.

Yaa’ii kanarratti Itti aantuu preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii dabalatee hooggansa dubartoota sadarkaa Ministaraa, naannoo, paarlaamaa, koree qindeesituu Godinaa fi Magaalotaa irra jiran hirmaataniiru.

Itti aantuun preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii fayyadamummaa Ummata mirkaneessuuf, tajaajilli haqa-qabeessa ta’e fiduuf hooggansa dubartootaa cimsuun murteessadha jedhaniiru.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa daa’immanii fi dargaggootaa aadde Munaa Ahimad haasaa taasisaniin waggoottan lamaan kana keessaatti dirreen dimokraasii babal’achuu irraan kanka’e hirmaannaan dubartootaa siyaasa keessatti qaban dabalaa dhufuu dubbataniiru.

Jijjiirama dhufe keessatti labsiiwwan miidha geesisuu danda’an akka fooyya’u taasifameeras jedhan.

Badhaadhina hunda galeessa ta’e mirkaneessuf daandii bal’aa tokkummaa fi jaalalaan ummata keenya wajjiin galmaan gahuuf ni hojjanna jedhaniiru.

Akka ragaan Biiroo Dhimmoota kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argame muldhisutti, dubartiin umamaan gaggeesituu fi qajeelchituudha, dubartiin jireenya dhuunfaa jiraattee hin beektu kan jedhan aadde Caaltuun Mootummaan xiyyeefannoo guddaa itti kennuun filannoo dhufu irratti hirmaannaa dubartootaa hunda galeessa ta’e fiduuf hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhumarrattis, ilaalcha keleessaa keessa bahuun dubartoonni sammuu umamaan qabanitti fayyadamuun ummata keessaa dhalatan tajaajilu qabu jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment