Yaa’iin walta’iinsa dhimmoota nageenyaa Galaanaa Diimaarratti xiyyeeffate gaggeefamuufi

Yaa’iin walta’iinsa dhimmoota nageenyaa Galaanaa Diimaarratti xiyyeeffate gaggeefamuufi

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Walta’iinsi dhimmootaa nageenya jijijjiiramaa Galaanaa Diimaa cimsuun haala danda’amurratti yaa’iin xiyyeeffate boru Finfinneetti ni gaggeeffama.

Yaa’ichi haala dhimmoota nageenyaa fi walta’iinsa naannawaa Galaanaa Diimaa haala cimsuun danda’amurratti kan mari’atu ta’uun eerameera.

Naannawichatti yaaddoo haala nageenyaa jiruu fi naannawaa Galaana Diimaatti dhiibbaa uumuu danda’u akkasumas furmaata isaarratti kan xiyyeeffatu ta’uun ibsameera.

Biyyoonni naannawichaas haala walitti dhiyeenyaan hojjechuun danda’an, hammattoowwan walta’iinsa nageenya naannawaa uumuuf dandeessisan, filmaatawwan imaammataa irratti akka mari’atamus himamuu TOI gabaaseera.

Ajajaa Olaanaan Koolleejjii Raayyaa Ittisaa Biyyaa Birgaader Jeneraal Bultii Taaddasaan, yaa’ichi biyyoonni naannawichaa rakkoolee nageenyaa waloo qaban furuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment