Yaa’iin waloo yuunivarsiitiiwwan qorannoo Afrikaa fi Awurooppaa Keepitaawonitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC)– Yaa’iin waloo yuunivarsiitiiwwan qorannoo Afrikaa fi Awurooppaa Afrikaa Kibbaa Keepitaawonitti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi keessumaa ajandaawwan, teeknooloojii fi kalaqaa irratti xiyyeeffachuun akka mari’atamu eerameera.

yaa’ichi giddugaloota qorannoo beekumsaa gareen hundeessuu fi cimsuu irratti ni mari’atama jedhameera.

kana malees, waltajjicharratti qorattoota dargaggoota kennaa addaa qaban hubannoo saayinsaawaa fi guddinaa saayinsii isaanii fooyyessuu, qorattoota addaa duree fi olaanoon muuxannoo isaani kan qoodanii fi dhaabbilee qorannoo olaanoo hundeessuu kan sakatta’ameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment