Yaa’iin Waloo sektarootaa bara baajataa 2014 gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 26,2014 (FBC)- Yaa’iin Waloo Sektarootaa bara baajataa 2014 magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Yaa’ichi mata duree “ Qormaatileef osoo hin jilbeenfatiin milkaa’inoota keenya babal’isaa bu’aa caaluuf ni carraaqna” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Yaa’icharratti Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee dabalatee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti miseensonni Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Fayyaa Hawaasaa, Aadaafi Ispoortii, hoggantoonni dhaabbatichaa, hoggantoonni biirolee naannoo, hoggantoonni waldaalee siiviikii akkasumas hoggantoonni dhaabbilee federaalaa garaagaraa hirmaachuu eerameera.

Yaa’icharratti raawwiin karoora bara 2014 kan gamaaggamamuufi karoora bara baajataa 2015 irratti mari’achuun kallattiin kan kaa’amu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment