Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015(FBC)- Yaa’iin waloo Koomishinarootaa Ityoo-Jibuutii 16ffaan Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaan qophaa’e Magaalaa Finfinnee hoteela Intar- Leegizhariitti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’ii komishinarootaa sadarkaa Ministirootaan taa’amu kanaan dhimmoonni hariiroo obboolummaa biyyoottan lameeniifi nageenya gaanfa Afrikaarratti xiyyeeffachuun kan mar’atamu ta’a.
Hariiroo dippiloomaasii diinagdeefi hawaasummaa biyyoota lameenii akka carraa gaariitti fayyadamuun waliin guddachuuf daran hojjechuun murteessaa ta’uu yaa’ichaan eerameera.
Yaa’ichi hanga Onkololeessa 17, 2015’tti kan turu ta’uu ibsameera.
Gammachiis Taarikuutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.