Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC) – Yaa’iin Waloo Komishinaroota Komishinii Manneen Amala sirreessaa Federaalaa fi naannolee magaalaa Jigjigaatti taa’amuu eegalameera.
Yaa’iin Waloo kun hanga Guraandha 27, 2016tti kan turu ta’uu eerameera.
Yaa’ichaan haala hojiilee riifoomii itti fufsiisuun danda’amu, qabiinsaa mirga namoomaa fi nageenya sirreeffamtootaa eegsiisuu, barnoota, leenjii fi manneen Amala sirreessaa giddu gala misoomaa haala itti ta’uu danda’anirratti marii bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu himameera.
Waggoottan shanan darban keessa hojiilee damichaan hojjetamaniin jijjiiramni bu’uuraa argamuu yaa’icharratti keessummaa kabajataa ta’uun kan argaman Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad eeraniiru.
Kunis damee Haqaan fooyya’iinsi jiraachuu kan mul’isu ta’uu kaasaniiru.
Akkaataa qajeeltoo qabiinsa mirga sirreeffamtoota seeraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaaniin mirga sirreeffamtoota seeraa eeguuf hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Komishii Manneen Amala Sirreessaa Federaalaa Dammanaa Daarootaan himaniiru.
Jamaal Ahimad eeraniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.