Yaa’iin waliigalaa Sinoodosii Mana Amantaa Ortodoksii eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti dhimmoota sochii amana amantichaa, dinagdee fi hawaasummaarratti mari’achuun murtee kan kennuu Yaa’iin Waliigalaa Sinoodosii gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’icharratti Paatiriyaarkiin Mana Amantichaa Abuna Maatiyaas cimina amantii abbootii duraanii gama eeguu fi irra deebi’uun yaa’ichi ittigaafatma isaa bahachuu qaba jedhan.

Manni amantichaa humna namaa qabdu akkaata barsiisaa wangeelaan, bulchiinsaa fi qabiinsa qabeenyaa sirnaan fayyadamuu fi ijaaruurratti akka hojjettu dubbataniiru.

Nageenyaa fi tokkummaa ummanni barbaadu fiduuf dandeettiin mana amantaa olaanaa ta’uu kaasanii, manni amantachaas walabummaan hojii nageenyaa akka gaggeessitu ibsaniiru.

Gama kanaan nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf, tokkummaan akka cimuuf manni amantichaas hojjechuun akka barbaachisu kaasaniiru.

Qiddisti Abaataatu Gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment