Yaa’iin Waliigalaa Gamtaa Ajaajoota Poolisii Afrikaa Bahaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)- Yaa’iin waliigalaa Gamtaa Ajaooja Poolisii Afrika Bahaa 24ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Walga’iin gamtichaa har’arraa eegalee hanga Sadaasa 30, 2015tti kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Walga’ichi yakka shororkeessummaa, daddabarsa seeraan alaa meeshaalee waraannaa, namootaa fi baala hadoochituu, hannaa beeyladootaa, fi yakkoota daangaa ce’oo biroorratti kan xiyyeeffatu ta’uun ibsameera.

Ityoophiyaan walga’ii gamtichaa wayita qopheessitu yeroo lammaaffaaf yoo ta’u, bara 2008 walga’icha keessummeessuun ni yaadatama.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment