Yaa’iin waliigalaa Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa 26ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 10, 2015(FBC)- Yaa’iin waliigalaa Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa 26ffaa Naannoo Afaar magaalaa Samaraatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa gargaartuu komishinara Atilet Daraartuu Tulluu dabalatee koreen hojii rawwachiistuu fi miseensonni yaa’ii waliigalaa argamaniiru.

Gargaartuun Komishinaraa Atileet  Daraartuu Tulluu ,qabxii bara darbe qindominaan hojjetamuun galmaa’an yaadachisaniiru.

Naannoon Kibba Lixaa Ityoophiyaa miseensummaan namni dhiyeeffatan yaa’iin ilaalamuun, miseensa haaraa Fedeereshinii Atileetiksii Ityoophiyaa ni ta’u jedhamee eegama.

Taarikuu Guutaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment