Yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 77ffaan eegale

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) –Jijjiirama qabeenya qilleensaa fi kanneen biroorratti kan xiyyeeffate yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 77ffaan Niwuyoorkitti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’ichi “Yeroo murteessaatti rakkoolee walxaxaaf furmaata jijjiirama fidu” mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.

Sirna baniinsa waltajjichaarratti Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees, biyyoonni miseentotaa rakkoolee waloo furuuf akka walta’an gaafataniiru.

Yaa’ichaan cinaattis walga’iiwwan dhimma barnootaa, galmoota misoomaa, mirga namoomaa, itti fayyadama meeshaalee niwukilaraa fi dhimmoota idil addunyaa biroorratti akka mari’atamu Zhinwaan gabaaseera.

Yaa’ichi hanga Fulbaana 17, 2015’tti tura jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment