Yaa’iin Waliigalaa CAF Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2017 (FBC) –Yaa’iin 46ffaa Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Finfinneetti gaggeeffamaa ture murtoowwaan garaagaraa dabarsuun xumurameera.

Yaa’icharratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Pireezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa miilaa Afrikaa Dooktar Paatiriis Mootiseepeefi Koree Hoji Raawwachiistuu CAF Pireezidaantii FIFA, Jiyaanii Infaantiinoofi Federeeshinii Biyyoota miseensa CAF fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Yaa’ichaan raawwii hojii waggaa, baajataa, Faayinaasii, Odiitirratti gabaasni dhiyaachuun mari’atamuun ibsameera.

Guddinaa fi Misooma Kubbaa miilaa Afrikaa cimsuu, bu’aa qabeessummaa kubbaan Miilaa Afrikaa sadarkaa Addunyaatti qabu guddisuu,bu‘uuraalee misoomaa Ispoortii babal’isuu,hanga faayinaansii misooma kubba miilaaf ramadamuu guddisuun qabxiilee ijoo yaa’icharratti ka’an ta’uu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment