Yaa’iin Waggaa Sagantaa Misoomaa DhMG Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Yaa’iin Waggaa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan milkaa’inaafi rakkoolee diinagdeefi misooma gama maraa Ityoophiyaa irratti ibsa laataniiru.

Mootummaan karoora misoomaa ijoo waggoota 10 baasuun hojjechaa jiraachuufi dameewwan invastimantii, indaastirii, daldalaa, qonnaafi kanneen biroorratti hojii bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.

Bara faranjootaa 2019 hojiirra ooluu kan eegale fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jiraachuu addeessaniiru.

Biyyattiin dameewwan barnootaa, fayyaa, informeeshin Kominikeeshinii, teekinooloojiifi innooveeshiniin jijjiirama hunda galeessa galmeessisuu kaasaniiru.

Sosochiin Ashaaraa Magariisaas bu’aa guddaa galmeessisaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Ityoophiyaan kallattii guddinaa qabatte itti fufsiisuun galmoota misoomaa biyyaalessaa milkeessuuf kan hojjettu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaatti bakka bu’aan Sagantaa Misoomaa DhMG Tuuruuhaan Saalihii gamasaaniin, riifoormiiwwan diinagdeefi hundagaleessi Ityoophiyaa keessatti taasifamaa jiran kan jajjabeeffaman ta’uu ibsaniiru.

Sagantaan Misoomaa DhMG riifoormicha deeggaruun gahee isaa kan ba’atu ta’uu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment