Yaa’iin Waggaa Gamtaa Yuunvarsiitiiwwanii fi Koolleejjoota Oromiyaa keessaatti argamanii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Yaa’iin Waggaa Gamtaa Yuunvarsiitiiwwanii fi Koolleejjoota Naannoo Oromiyaa keessatti argamanii guyyaa har’aa Yuunvarsiitii Haramaayaatti gaggeeffamaa jira.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Haramaayaa Dooktar Jamaal Yusuuf,

yaa’ii kanarraatti argamuun ergaa baga nagaan dhuftanii keessummootaaf dabarsaniiru.

Yaa’iin kun haala waqtaawaa dhaabbileen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran irratti argaman ibsuu fi muxannoo wal jijjiiruuf bu’aa olaanaa qaba jedhaniiru.

Yaa’iichi hariiroo fi  waliin hojjechuu dhaabbilee barnootaas ni cimsa jedhaniiru.

Walitti qabaan Yaa’iichaa fi  Preezdaantii Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Dooktar Lammii Guutaa, yaa’iin Gamtaa Yuunvarsiitiiwwanii fi Koolleejjoota Oromiyaa keessatti argamanii  kun hundeeffamasaa bara 2007 irraa jalqabee bu’a ba’iiwwan hedduu keessa bahuun hojiiwwan hedduu hojjechaa tureera jedhan.

Dabalataaniis hojii gamtichii hojjechuuf karoorfate  hedduun waan jiraniif galma ga’iinsa karoorichaaf immoo walitti dhufeenyii Yuunvarsiitiiwwan keenyaas barbaachiisadha jedhaniiru.

Yaa’iin kun Yuunvarsiitiiwwan Naannoo Oromiyaa keessatti argamanii 13 fi Yuunvarsiitiiwwan naannichatti dhiyeenyarratti argaman 4 hirmaachisuun gaggeeffamaa jira.

Hinkoosaa Abdiisaatuu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment