Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC)- Yaa’iin waggaa faayinaansii Afrikaa Bahaa 6ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti Daayrektara Olaanaa Gabaa Kaappitaalaa Ityoophiyaa Dooktar Biruuk Tasfaayee dabalatee qondaaltonni mootummaa fi Afrikaa Bahaatti qaamolee dhimmichi ilaalatuu argamaniiru.
Naannawichatti dandeettii damee faayinaansii, walitti hidhamiinsa naannawaa, waliin gahiinsaa fi dhiyeessii faayinaansii, bu’aalee raawwii damechaa, carraalee fi gufuulee jiranirratti ni mari’atama jedhameera.
Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, ogeeyyiin dhaabbilee garaagaraa hirmaachaa jiraachuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.