Yaa’iin qophii duraa Faayinaansii Misoomaaf 4ffaa DhMG Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC)-Yaa’iin qophii duraa Faayinaansii Misoomaaf 4ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’ichaan raawwii waliigaltee hojiirra oolmaa galmoota misooma waaraa 2030 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waggoota sagaliin dura Finfinneetti mallatteeffame akka gamaaggamamu eerameera.

Yaa’ichi Ispeenitti gaggeeffamuuf kan jiru Yaa’ii Guddicha Faayinaansii Misoomaaf 4ffaa dursee kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Yaa’icharratti Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillasee fi Ministirri Ministeera Maallaqaa Ahimad Shidee dabalatee qondaaltoonni olaanoo Dhabbata mootummoota gamtoomanii akkasumas Ministiroonni Faayinaansii biyyoota miseensotaa hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Saamu’eel Warqaayyoo, Zufaan Kaasaahuun fi Sa’adaa Geetachootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment