Yaa’iin Paartii Badhaadhinaa gurmaa’iinsa paartichaa kan cimsu ta’a – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Yaa’iin Paartii Badhaadhinaa gurmaa’iinsa paartichaa kan cimsu ta’a jedhan Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Dooktar Alamuu Simeen.

Yaa’ichi hoggantoonni ga’umsaan Paarticha dursanii kan itti filataman ta’uu eeraniiru.

Paartichi yeroo ammaa qormaata keessa ta’us bu’aa hedduu galmeessuu fi qophii barbaachisu xumuruun guyyaa yaa’ichaa eegaa jiraachuu kaasaniiru.

Paartichi yaa’ii jalqabaa guyyoota sadiif gaggeessuun kallattiiwwan garaagaraa kaa’uurra darbee murtoo adda addaa kan dabarsu ta’uu Dooktar Alamuun ibsaniiru.

Yaa’ii waliigalaa kana booda Paartichi ummata isa filate tajaajiluurra darbe dogoggora darberraa barachuun ciminoota jiran itti fufsiisuun borurratti xiyyeeffachuun gurmaa’insaa fi yaada cimsachuun kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Addisuu Mulunahitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment