Finfinnee, Sadasa 5, 2015(FBC)- Yaa’iin oomishaalee midhaan dheedhiifi midhaan zayitaa Idil Addunyaa 11ffaan guyyaa boruu magaalaa Finfinnee Hoteela Sharaatanitti kan gaggeeffamu ta’uu ibsame.
Ittaanaan Pireezidaantii Waldaa Ergitoota Oomishaalee Midhaan Dheedhii, Zayitaafi Mi’eessituuwwanii Ityoophiyaa Eda’oo Abdiin, yaa’ichi daldalarra darbee sochii tuurizimii biyyattiif shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Yaa’ichi ergitoota, oomishtoota, waldaaleefi dhaabbilee maayikiroo xixiqqaa Ityoophiyaa shammattoota idil addunyaa waliin walquunnamsiisuun fayyadamoo kan taasisu ta’uu eeraniiru.
Kana malees qabeenya oomishaa biyyattiin qabdu addunyaatti beeksisuu kan dandeessisu ta’uu ragaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.
Ergitoonni damicharratti bobba’an dorgomanii injifachuuf oomisha qulqullina qaburratti akka xiyyeeffataniifi qophii taasisan waamichi dhiyaachuu ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.