Yaa’iin nageenyaa Gaanfa Afrikaa-Chaayinaa jalqabaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) -Yeroo jalqabaatiif yaa’iin nageenyaa Gaanfa Afrikaa-Chaayinaa (China-Horn Africa) Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’iin jalqabaa kun, ajandaawwan nageenyaa, misoomaa fi bulchinsaa biyyoota Gaanfa Afriikaarratti xiyyeeffachuun guyyoota lamaaf kan gaggeeffamuudha.

Yaa’ichi, Chaayinaan Ergamaa Addaa Gaanfa Afriikaa Ambaasaaddar Shu Biingiin erga muuddee booda kan gaggeeffamaa jiru yoo ta’u, tokkummaan biyyoota Gaanfa Afriikaa akka cimu, naannawichatti nageenyii fi misoomni akka mirkanaa’uuf Chaayinaan biyyoota gaanfichaa waliin hojjechuuf fedhii qabdurratti kan xiyeeffateedha jedhameera.

Chaayinaan naannawichatti hojii invastimantii bal’aarratti bobba’uun hojjechaa kan jirtu yoo ta’u, proojektiin “Road Belt”, Afriikaa biyyoota Giddugaleessa Bahaa waliin kan walitti hidhu keessa kan eeramuudha.

Yaa’icharratti dureewwan biyyoota Gaanfaa Afriikaa fi jilli mootummaa Chaayinaa hirmaachaa jiraachuu eerameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment