Yaa’iin Ministirootaa Afrikaa 18ffaan gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Yaa’iin Ministirootaa Afrikaa 18ffaan Seeneegaal Daakaaritti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichaan dhimmoota fayyaa, wabii nyaataa, anniisaa, qaala’iinsa gatii akkasumas qabeenya qilleensaa fi nageenya uummataarratti xiyyeeffannoo kennuun ni mari’atu jedhamee kan eegamu ta’uu Ministirri Ministeera Naannoofi Misooma Waaraa Seenegaal AbduKARIIM Saal baniinsa yaa’ichaarratti dubbataniiru.

Balaa jijjiirama qabeenya qilleensaan gahu hir’isuuf biyyoonni Afrikaa marti waloon hojjechuu akka qaban yaa’ichaan ka’eera.

Dhimmoota hojii dhabdummaa lammiilee hir’isaniifi jireenya fooyyessan irratti xiyyeeffannoon laatamee waloon hojjetamuu qaba jedhamuu Zhinuwaan gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment