Yaa’iin Mana Maree naannoo Amaaraa muudamoota garaagaraa raggaasiisuun xumurame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Yaa’iin idilee 2ffaa waggaa1ffaa marsaa 6ffaan Mana Maree naannoo Amaaraa muudamoota garaagaraa raggaasiisuun xumurameera.

Manni marichaa dhimmoota biyyaalessaa fi naannicharratti bal’inaan erga mari’atee booda muudamoota adda addaa raggaasiisuun xumurameera.

Haaluma kanaan obbo Dassaalenyi Xaasaw Hogganaa Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa, Dooktar Amaaree Birihaanuu ooditara olaanaa waajjira muummee Ooditaraa naannichaa ta’uun muudamaniiru.

Dabalataan muudama miseensota boordii korporeeshinii Miidiyaa naannichaa fi muudama abbootii seeraa aanaalee 160 dhiyaate raggaasiiseera.

Abbootii seeraa muudaman keessaa 62 yookaa % 75 dubartoota yoo ta’an, 9 ammoo qaama miidhamtoota ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment