Yaa’iin komishinaroota poolisii har’a akka itti fufetti jira

Finfinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)- Yaa’iin komishinaroota poolisii 12ffaa federaalaa, naannoo fi bulchiinsa magaalaa magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jiru itti fufeera.
Yaa’ichi olmaa isaa kaleessaan ijaarsa poolisii federaalaa irratti rakkinoota mul’ataniifi yaadaa furmaataa, haala kenniinsa sadarkaa guddinaa fi moggaasa poolisii federaalaa waliin walqabatee rakkinoota muldhatanii fi yaada firmaataa irratti gabaasni qorannoo dhiyaachuun mariin ta’eera.
Qulqullinaa fi dhiyeessii uffata danbii poolisii federaalaa waliin walqabatee rakkinoota jiranii fi yaada furmaata irratti marii’atameera.
Olmaa har’aan dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannooleerratti hojiiwwan hojjetamanirratti gabsni dhiyaachuun kan marii’atamu ta’a.
Dabalataniis, haala qophii filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa irratti ni marii’atama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya
https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment