Yaa’iin Komishinaroota naannolee fi bulchiinsa magaalootaa 15ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC) – Yaa’iin Komishinaroota naannolee fi bulchiinsa magaalootaa 15ffaan Waajjira Muummee Poolisii Federaalaatti gaggeeffameera.

Yaa’ichi karoora tarsiimawaa waggaa 10 keessaa kan fudhatame karoora tarsiimawaa waggaa 3 irratti mari’achuun nageenyaa fi tasgabbii biyyaaleessaa caalmaatti cimsuuf humna uumuu fi ergama yeroo itti aanuu karaa qindoomina qabuun raawwachuuf ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.

Bara 2015 keessa yakka ittisuuf dandeettiin raawwachiiftummaa, uwwisa bobbii fi dhiyeessa Loojastiksii sadarkaa olaanaan guddate bara 2016 caalmaatti cimee kan itti fufu ta’a jedhan.

Hojiin qorannoo yakkaa ittisuu teeknooloojii fi humna nama barateen deeggaramee gaggeeffameen biyya miidhaa adda addaarraa baraaruun danda’uu kaasuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment