Yaa’iin kalaqa diijitaalaa Afrikaa 18ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Yaa’iin kalaqa diijitaalaa Afrikaa 18ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Maricharratti Ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii gargaaraa Proofeesaraa Balaxaa Mollaa dabalatee hoggantoota olaanoo biyyoota Afrikaa damichaa, hoggantoota olaanoo dhaabbilee teeknooloojii, bakka bu’oonni imbaasiiwwanii fi keessummoonni kabajaa hirmaachuu ibsameera.

Ityoophiyaan diinagdee diijitaalaa ijaaruuf fooyya’iinsa garaagaraa taasisaa jiraachuu Ministirichi kaasaniiru.

Damee teelekoomii gariin dhuunfaatti deebisuuf, tajaajila elektirooniksii diriirsuu, dhaabbilee teeknooloojii jalqabbiirra jiranii fi giddugalawwan ijaarsa teeknooloojii deeggaruu, Iikoomersii fi kaffaltii diijitaalaarratti hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Marichaan haammattoo seeraa, bu’uuraalee misoomaa fi hojiilee daldalaa kalaqaan deeggaramanirratti kan mari’atan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.

Yaa’ichi guyyaa lamaaf kan  gaggeeffamu yoo ta’u, Afrikaa diijitaalessuuf, dameewwan garaagaraan filatamtuu akka taatuuf hojiilee hojjetaman hojjechuu fi muuxxannoo wal jijjiiruuf akka ta’e ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment