Yaa’iin jaarsummaa Israa’elii fi Filisxeemiif waamame waliigaltee malee xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016 (FBC)- Waraanaa Israa’elii fi Filisxeem gidduutti hammaata dhufeef furmaataa kaa’uuf yaa’iin jaarsummaa Ijibtitti waamame waliigaltee malee xumurameera.
Yaa’icharratti Israa’elii fi Ameerikaan kan hinargamne ta’uu CGTN gabaaseera.

Dubbii Himan Pireezidaantiin Ijibti Ahimad Faahmii ibsa kennaniin, kufaatii namoomaa hammaata dhufeerratti hirmaattota yaa’ichaa gama hubachiisuun Ijibti milkaa’uu dubbataniiru.

Yaa’icharratti Bakka Bu’oonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Joordaan, Kuwaataar, Chaayinaa, Faransaay, Jarman, Raashiyaa Fi Biritaaniyaa dabaltee biyyoonni 30 ol hirmaachuun gabaafameera.

Waraana Israa’elii fi Filisxeem torbanoota lama lakkoofsiseen lubbuun namoota kumaatamatti lakkaa’amanii yoo darbu, gama lameenii lammiileen hedduun miidhamuun ibsameera.

Daandiin gara Gaazaa geessu Israa’eliin cufamuurraan namoonni miiliyoona 2.3 deeggarsa akka hinarganne ta’eera jedhame.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment